• Sat. Oct 17th, 2026

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni Abiy Ahimed dubartii tokko daa’ima dhiigaa waliin hidhanii hiraarsaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Gara jabeeyyiin loltoota PP goleewwan Oromiyaa cufa keessaa gochoota gara jabinaa dhageettii gurraafuu hin tolle Uummata Oromoo irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Muddee 28, 2024 ergamtoonni sirna bututaa suphuuf Uummata Oromoo gidirsan loltoonni Bilxiginnaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa Guddinaa bakka addaa Qorkee 6’ffaa jedhamu keessaa dubartii maqaan isheen Aadde Caaltuu Waaqtolaa jedhamtu ijoollee ishee lama daa’ima dhiigaa baatii 9 fi mucaa waggaa 3 maqaan isaanii; Daraaraa Tsaggaayee fi Falmataa Tsaggaayee jedhaman waliin mana hidhaatti darbachuun humnaa ol dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka maddeen himanitti, Aadde Caaltuun nama siyaasa kam keessa hin jirree fi hojii dhuunfaa ishee hojjettee daa’imman ishee kan guddifattu ta’uu himuun, Lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira jedhuun hidhanii, yoo abbaan warraa kee harka kennate malee umurii kee guutuu mana hidhaatii hin baatu” jechuun itti dhaadachaa jiraachuus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading