ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Saba of irra darbee ormayyuu nyaachisee obaasee beela baasuun beekamu uummata Oromoo, dinagdee isaa laamshessuun beelaaf dheebuun duguuggaa sanyii irratti raawwachuuf jecha ergamtoonni Bilxiginnaa guyyuun qe’ee isaatti bobba’uun saamicha daangaa darbeen jireenya isaa golgoleessaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee bakka addaa Qorkee jedhamu keessaa Muddee 27, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Mirkanaa Tamasgeen jalaa re’oota 3,
- Gaaddisee Tolasaa jalaa qarshii 2000,
- Ofiisaa Badhaasaa jalaa qarshii 4000 fi bilbila quunnamtii qarshii 10,000’tti tilmaamamu yoo saaman,
Muddee 28, 2024 ammoo:
- Cimdii Hojjetaa nama jedhamu jalaa loon 6 fi re’oota 8 saamuu
maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu eeruun, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun saamicha daangaa darbe kana irratti raawwachuu dubbataniiru.

