• Sun. Oct 18th, 2026

Rakkoo Siyaasaa Itoophiyaa fi Barbaachisuummaa Ce’umsaa Ilaalchisuun Ibsa Gumii Hayyota Oromoo irraa Kenname | Gumii Hayyoota Oromoo | October 17, 2026

Oct 17, 2026

Nuti, hayyoonni Oromoo ibsa kana mallatteessine, rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti hammaachaa dhufeefi miidhaa hamaa inni uummattoota biyyattii irratti geessisaa jiru yaaddoo guddaadhaan hordofaa turre. Biyyi kun waraana keessoo fuullee hedduun gaggeeffamu, jeequmsa bal’aa, tasgabbii dhabuu siyaasaa fi haala siyaasaa daran bittiinaa’aa dhufe keessatti argamti.
Haalota kana keessatti, dhiiga dabalataa dhangala’uu fi balaa bittninaa’uu ummatootaa ittisuuf ce’umsi siyaasaa waliigalaa, hunda hammatuufi bu’uura bal’aa qabu hatattamaan barbaachisaa
akka ta’e amanna.

Kanaan walqabatee, Tumsi haaraan hundaa’eefi kan Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABOWBOn) keessatti qooda fudhatu, rakkoo yeroo dheeraa ture kana keessaa karaa ittiin bahan barbaaduuf tarkaanfii jalqabaa barbaachisaa ta’e akka ta’etti fudhanna.

Rakkoon yeroo ammaa biyyattii guutuu waliiin gahee jiru waggaa saddeet dura Oromiyaa keessatti jalqabe. Qaamni Mootummaa naannoo Oromiyaa ofiin jedhu, seera baastuu naannichaa, Caffee,
irraa labsii Sanyii Duguggaa ifaan labsuun Oromiyaa seene; xiyyeeffannoon isaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) qofa osoo hin taane uummata Oromoo, kan bu’uura hawaasummaa WBO ta’e, irratti ture. Kaayyoon kun dubbii hoogganaa Paartii Badhaadhina Oromiyaa Caffee
irraa labseen ifa ta’e: “Qurxummii (WBO) qabachuuf hin dhamaanu; Galaanicha (Oromoo) gogsiifna.” Bu’aan dooktrinii waraana Abiy Ahmed kunis qabatamaan mul’ate: lammiileen Oromoo hedduun gara jabeenyaan ajjeefaman, qaamni isaanii hir’ate, qe’ee isaanii irraa buqqa’an, gadadoon seenaa Oromoo keessatti duraan hin mul’annetu amma qaqqabe. Booda, miidhaan walfakkaatan kan adabbii waliinii (collective punishment) fi gaafii kamiifuu deebii humna waraanaa qofa irratti hundaa’an, uummattoota biyyattii biroo irratti tartiibaan babal’atan.

Humnoonni mormitootaa qoqqoodamuun isaanii sirnichaaf aangoo isaa cimsachuu fi rakkoo kana daran hammeessuuf carraa hin malle kenne. Yeroo dheeraaf, mooraan siyaasaa mormitootaa Itoophiyaa maraammartoo jeequmsaa, wal-shakkiifi qoodamiinsaatiin kan guutame. Sirni
mootummaa ofiin jedhu yeroo baay’ee komiiwwan siyaasaa ummatootaa gara walitti bu’iinsa hawaasota gidduutti uumamutti jijjiree itti dhimma bahuuf carraa argate. Amantaa dhabuu fi walitti
bu’iinsa hawaasummaa gara jibba saboota gidduutti yeroo dheeraa turutti guddisuufis itti dhimma bahe.

Garaagarummaan seenaa darbeefi egeree biyyattii irratti jiru maal iyyuu yoo ta’e, uummattoonni biyyattii waliif diina taasisamuu hin malle. Qabsoon haqaa fi bilisummaa, hawaasota gidduutti qabsoo walitti bu’iinsaa ta’uu hin malle. Sirni uummattoonni hundi mirga isaanii ittiin eeggatan, kan qaamolee mootummaa yakka raawwatan itti gaafatamoo taasisu akkasumas sirna siyaasaa hawaasni kamiyyuu itti aangomufi keessatti hin miidhamne ijaaruutu male.

Kana yeroo jennu komiiwwan seenaa irraa maddaniifi garaagarummaan siyaasaa barii tokkotti baqee harca’a jechuu miti. Mala siyaasaa amansiisaa ta’een beekamtii argachuu fi furmaata
argachuu qabu. Haa ta’u malee, yeroo haalli biyyattii deebii waliinii (collective action) gaafatu, gufuu hin ce’amne ta’uu hin qaban. Bilchinni siyaasaa egereen wal kabajuu, fi rakkoolee jiran nagaan furachuu irratti hundaa’e filachuun, walitti bu’iinsa itti fufaa, qoodamiinsa fi wal-shakkii sirni abbaa irree ittiin dhimma bahurra akka wayyu hubachuu gaafata.

Rakkoon siyaasaa wal xaxaan kun uummattoota Itoophiyaa hunda kan tuqu ta’us, Oromiyaa keessatti madda isaa fi miidhaan inni geessise xiyyeeffannoo addaa barbaada. Galmi siyaasaa
Oromoo fi mirgoonni uummata Oromoo adeemsa siyaasaa kamiyyuu keessatti giddugaleessa (central) ta’uu qabu. Haa ta’u malee, kaayyoo kana galmaan ga’uun hawwii bilisummaa uummattoota biroo irraa adda baafamee raawwatamuu hin qabu.

Barbaachisummaan Tumsaa kallattii jeequmsaa sirni Paartii Badhaadhinaa fide mormuu qofaan galma hin ga’u. Sirni amma jiru dadhabuu yookaan haqamuu isaatiin qofti dimokraasii, nagaa yookaan haqni ofumaan hin dhufu. Qophiin ce’umsa amanamaan yoo hin jiraanne, rakkooleen ammaa daran hammachuun, aangoo siyaasaa humnaan dhuunfachuu fi walitti bu’iinsa duraanii irra deebiin uumuu danda’a. Adeemsi ce’umsaa uummattoonni Itoophiyaa dirqisiifamuun yookaan bu’aan dursee murtaa’e isaanitti fe’amuu keessaa baasee, egeree siyaasaa isaanii bilisaan akka murteessan haala mijessuu danda’uu qaba.

Dogoggora darbe irra deebi’anii akka hin hojjenneef, ce’umsi dhufu qaamolee siyaasaa dhimmi ilaallatu hunda walitti fiduu; gareewwan mormitootaa hidhatanis ta’an hin hidhatin, hawaasni sivilii, akkasumas bakka bu’oonni sabootaafi sablammoota garaagaraa hirmaachisuu qaba. Humnoonni Tumsaas hubannoo waliinii, eenyummaa siyaasaa adda addaa fi hawwii sabootaa kabajuun adeemsa ce’umsaa amanamaa, hunda hammatuufi bu’uura bal’aa qabu hundeessuu danda’u. Adeemsi akkasii qofti madda bu’uuraa walitti bu’iinsaa furuu, akkasumas nagaa waaraa, haqaa, bulchiinsa dimokraatawaa fi mirga ofiin of bulchuu bu’uureessuu danda’a.

Carraa kanaan, hayyoonni Oromoo, sochiin hawaasafi qaamoleen siyaasaa hundi dhimma kana bilchina siyaasaa fi hubannoo ifaa qabatanii dhimma kana gadi fageenyaa akka xinxalan dhaamna.
Gaaffileen sirrii ta’an kan Tumsa haaraa, kaayyoo isaa, waadaa inni galeefi dhiibbaa yeroo dheeraa isaa ilaalchisee ka’an ifatti fi qeeqa irratti hundaa’uun qoramuu qabu. Haa ta’u malee, fedhii garee, murnaa yookaan wallirrati amantii dhabuu irratti hundaa’uun ariitiidhaan qeeqa hin barbaachifne kennuun, carraa siyaasaa bu’aa hedduu fiduu malu cufuu danda’a.

Humnoonni siyaasaa Itoophiyaa filannoo bu’uuraa tokko of duraa qabu: qabsoo qoodame kan hawaasota jeequmsa dabalataaf saaxilu itti fufuu, yookaan karaa siyaasaa waliinii garaagarummaan isaanii ittiin furamuufi ummatoota isaanii ittiin galma gahuu danda’u hordofuu. Tumsi seenaa irraanfachuu hin gaafatu. Seenaa ija guutuun ilaaluufi booji’amtoota seenaa ta’anii jiraachuu diduu garuu gaafata. Egereen keenya nageenyi, bilisummaa fi kabajni uummattoota
keenyaa walitti hidhamaa ta’uu isaanii hubachuun ijaarama. Humnoonni siyaasaa walitti bu’iinsa itti fufuu irra tumsa filatan, hubannoo kana gara tarkaanfii qabatamaatti jijjiiruun ce’umsa
amanamaa gara sirna siyaasaa haq-qabeessa, dimokraatawaa fi itti gaafatamummaa qabuutti geessu mirkaneessuu qabu.


Kan Mallatteessan:

  1. Obbo Ibsaa Guutamaa
  2. Piroofeesar Mohammed Hassan
  3. Jaal Xahaa Abdii
  4. Piroofeesar Ezekiel Gabbisaa
  5. Obbo Baqqalaa Garbaa
  6. Dr. Milkeessaa Miidhagaa
  7. Dr. Bayyaan Asoobaa
  8. Jaal Jireenyaa Guddetaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading