ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Jiruuf jireenyi isaanii uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qe’ee irraa godaansisuu kan ta’e ergamtoonni murna Bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota hedduutti bobbaafamuun guyyuu rakkoof gadadoo hamtuu uummata dhandhamsiisaa jiru.
Akkuma amala isaanii bakka fedhanitti waanta fedhan hawaasa irratti dalaguu kan amaleeffatan goolessitoonni sirnichaa kunneen bakkeewwan garaa garaatti ammoo tarkaanfii Uummanni of irratti dammaquun irratti fudhatuun ammoo harca’aa oolu.
Muddee 29, 2024 Lixa Harargee aanaa Haabroo araddaa 16 keessatti yeroo dheeraaf afaan qawween doorsisuun uummata saamaa, hidhaa, ajjeesaa fi gudeeddii irratti raawwachaa kan turan milishoonni 2 tarkaanfii uummatni irratti fudhateen yoo ajjeefaman aanaadhuma kana keessatti araddaa Weennee lakkoofsa 8 keessatti milishaa maqaan isaa Abdallaa Ibraahim jedhamu uummanni qabeenya isaa irratti mancaan oggaa rukutu yeroo ammaa kana mana yaalaa Moggaa jedhamutti yaalchiisaa kan jiran ta’us du’aaf jireenya gidduutti akka argamu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Bifuma Wal fakkaatuun aanaa Gubbaa Qorichaa bakka Haardim jedhamu keessatti dargageessi tokko qabeenya isaa irratti milishoota lama mancaan yoo rukutu tokko battalumatti oggaa lubbuun keessaa ba’u tokko ammoo erga rukutamee qaamni isaa madaa’ee fiigee jalaa miliquu odeessi jiraattota Onichaa irraa nu qaqqabe ni addeessa.


