• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni goolessaan Bilxiginnaa Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa keessatti nama tokko rasaasaan ajjeesanii gatuun dhagaa’ame

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Carraan jiraachuu ilma namaa hamma bineensaa kan hanqate bara bulchiinsa nama nyaataa Bilxiginnaa keessa yeroo irraa gara yerootti humna qabu meeshaa waraanaa hidhachiisuun guutuu Oromiyaa keessatti qe’ee uummata nagaatti faashistoota Waraana isaa bobbaasuun guyyuu reeffa ilmaan Oromoo bineensa sooraa oola.

Mudde 29, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Abbayyaa ganda Ladoo Daadaa iddoo addaa Magaadoo jedhamutti nama siyaasaa kam keessaayyuu quba hin qabne kan maqaan isaa Shuggaayyee Hooxessaa Edeemaa jedhamu maqaa deggeraa WBO’ti jedhuun rasaasa 3’n rukutanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oromummaan isaa qofti badii itti ta’uun mirga lubbuun jiraachuu biyya isaa irratti qabu murnoota abbaa irree impaayerattiin mulqamaa har’a kan ga’e sabni Oromoo ammas guddisa ilmaan nafxanyootaa kan ta’e koloneel Abiy Ahimediin duguuggaan sanyii irratti raawwataa jira.

Leave a Reply