• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni Bilxiginnaa alkoolii dhuganii machaa’uun dargaggoo tokko rasaasaan madeessuun himame

Jan 2, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025

Saayinsii fi naamusni waraanummaa hanguma xurii qeensaa illee kan irraa hin calaqqisne loltoonni Koloneel Abiy Ahimed, abbaa irrummaa sirnoota darban dhaalaniin Uummata Oromoo qe’ee isaa irratti mirga lubbuun jiraachuu irraa mulquun miidhaa hangana hin jedhamne geessisaa jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaaddisa Odaa jedhamu keessaa Muddee 29, 2024 dargaggoo Shamsaddiin Abdallaa Yesuuf jedhamu ergamtoonni sirnichaa waan inni quba hin qabneen yakkuun rasaasaan mataa isaa keessa rukutanii madoo ulfaataa irraan ga’uun, yeroo ammaa kanas Hospitaala magaalaa Ukkee keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni gandichaa ijaan argan ONM’tti himan.

Akka jiraattonni himanitti, dargaggoo Shamsuun siyaasa kam irraa walaba ta’uu eeruun, innis dalagaa irra oolee osoo gara manaatti galaa jiruu itti gaafatamaa dhimma nageenyaa gandichaa kan ta’e namni maqaan isaa Mulgeetaa jedhamu alkoolii dhugee machaa’uun naasuu tokko malee Piistoo itti dhukaasuun madeessuu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply