• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa daa’imman umurii 10 gadii hidhanii dararaa jiraachuun himame

Jan 2, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025

Gara jabeeyyiin dhala namaaf naasuu tokko illee hin qabne loltoonni faashistii Abiy Ahimed, seera Idil addunyaa fi impaayerattii cabsuun ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa dhageettii gurraafuu hin tolle garaa garaa raawwachaa jiru.

Muddee 29, 2024 aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa daa’imman umurii 9 fi 2 kan ta’an:

  1. Raawwii Gifii Taasuu fi
  2. Hiree Wadaajoo 

jedhaman waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa ukkaamsuun hidhanii miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, daa’imman kunneen maqaa abboota keessantu bosona jira jedhuun kan hidhaman yoo ta’u, haaluma wal fakkaatuun torban tokko duras harmoolii isaanii hidhanii hanga abbootiin warraa keessan galanitti hin baatan asumatti tortortu jechuun itti dhaadachaa turuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply