• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waraanni fi dabbaloonni PP horii uummataa saamuun beekame

Jan 2, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025

Murni garboomfataan dabaree dabareen Oromoo fi Oromiyaa konoleeffachaa turan qabeenya ilmaan Oromoo saamuun tarsiimoo godhatanii akka madda dinagdeetti itti fayyadamaa umurii barcuma isaanii dheereffachaa har’a ga’anii jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu ganda Siddaan jedhamu keessatti Muddee 22, 2024 irraa eegalee hanga har’aatti waraanni fi dabbaloonni PP wal-ta’uun horii uummata Oromoo saamuun, gariin qalatanii nyaachuun gariin ammoo ooffatanii gara magaalaa aanaa Amuuruutti geeffachuun beekameera.

Namoota horiin jalaa  fudhatame keessaa muraasni:  

  1. Obbo Kabbadaa Soorii,
  2. ObboTafarraa Babaa,
  3. Obbo Dhaabaa   Raggaasaa,
  4. Obbo Zallaqaa Lamuu fi
  5. Obbo Duulaa Xarraqaa kanneen 

jedhaman jalaa horii baay’inni isaa 57 ol ta’u jalaa ooffachuun ibsameera.

Leave a Reply