• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun dhagaa’ame

Jan 3, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa tuffii fi jibbiinsa uummata Oromoof qabu uummata aadaa, seenaa, duudhaa, fi eenyummaa gaarii qabuun addunyaaf fakkeenya guddaa ta’e ilmaan isaa jalatti adamsee ajjeesuun duguuggaa sanyii irratti raawwachuu cimsee itti fufee jira.

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa bakka addaa Warra-Shukkaaree jedhamutti Muddee 31, 2024 abbaa maatii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Miidhagsoo jedhamu gara laafina tokko malee waraanni maafiyaan PP maqaa ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ajjeesuun ibsameera.

Akka jiraattonni jedhanitti, erga lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhuun baadiyyaatti bobbaafamuu eegalanii kaasee sarbamiinsi mirgoota namoomaa maqaa ati:

  • deggeraa WBOti, 
  • ni soorta, 
  • daandii agarsiista, 
  • hojiilee loojistikii 
  • hojjechuun caasaalee keenya diigdaa fi 

kanneen biroo gochoota uummanni hin qabneen yakkanii, hidhuu, saamuu, manneen gubuu fi ajjeesuun daranuu baatilee 3’n darbanii kaasee haalaan cimee jira jechuun jiraataan onichaa yaaddoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM’f eereera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading