• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti ergamtoota sirnichaan hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Jan 3, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna jechuun yeroo hunda kan dhaadatan ergamtoonni murna maafiyaa PP, kutaalee impaayerattii cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromumummaa isaanii  qofaaf yakkuun akka bineensaatti adamsanii mana hiraarsaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Muddee 29, 2024 aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Lalisaa bakka addaa Furdisaa jedhamuun beekamu keessaa namoota maqaan isaanii: 

  1. Gurmuu Waakkennee fi
  2. Mootii Yaadasaa 

jedhaman loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’an, akkuma aanichaatti hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatu daran hammaatee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading