• Tue. Jan 13th, 2026

Hooggantoonni Afrikaa ergaa bara haaraa keessatti nagaa fi tokkummaaf waamicha dhiyeessan

Jan 3, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Hooggantoonni Afrikaa waamicha nagaa fi tokkummaatiin bara haaraa kan jalqaban yoo ta’u, qormaata saboota isaanii fi naannoo bal’aa mudate irratti xiyyeeffachuun bara 2025 tasgabbii fi tumsa akka jiraatu abdii qaban ibsaniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon haasaa bara haaraa bara 2025 taasisaniin, nageenya dhabuu dinagdee, rakkoo qilleensaa fi yaaddoo nageenyaa dabalatee qormaata guddaa Keeniyaan bara 2024 mudate beeksisaniiru.

Mootummaan oomishtummaa qonnaa dabaluu fi tajaajila mootummaa dijiitaala gochuun gahumsaan  fooyyessuuf wabii nyaataa fooyyessuuf tattaaffii taasisaa jiru kan ibsan yoo ta’u, guutuu Afrikaatti nageenyi akka jiraatus waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardit marii nagaa Tumayini Initiative magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jiru irratti xiyyeeffataniiru.

Preezdaantiin Niijer Jeneraal Abdurahamane Tiyani ibsa kennaniin, “Of eeguuf, Gamtaa Konfedereeshinii Biyyoota Sahel hundeessine,” jechuun biyyattiin hariiroo ollummaa gaarii Afrikaa Dhihaa fi guutuu addunyaatti akka qabaattu waadaa galaniiru.

Lammiileen duula odeeffannoo sobaa qolachuu fi gatii aadaa kabachiisuu, akkasumas dhiibbaa alaa irraa dammaqinaan akka hojjetan dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Burkinaa Faasoo Ibraahim Tiroore konfedereeshiniin kun mallattoo haqaa fi abbaa biyyummaa akka ta’u abdii qaban ibsaniiru.  “Fakkeenya nagaa, abbaa biyyummaa, fi kabajaa teenna” jechuun bara haaraa kana badhaadhinaa fi injifannoo hawwuun labsaniiru.

Preezdaantiin Zaambiyaa Hakayinde Hichilema mootummaan isaanii gareewwan mormitootaa waliin marii ijaarsa qabu irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu isaa irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Preezdaantiin Naamibiyaa Naangolo Mabumbaan Sudaan, Saahel, fi baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti nageenyi akka bu’u abdii qaban ibsaniiru.

“Naamibiyaan haqaa, gamtaa fi nagaa hordofuu ishee itti fufti” jechuun, sababni waldhabdee addunyaa irratti furmaata dippilomaasii argachuuf kutannoo qabdu irra deebi’anii ibsaniiru.

Pireezidaantiin Bootswaanaa Duumaa Bookoo bara haaraa aangoo isaanii isa jalqabaa kabajaa kan jiran yoo ta’u, lammiileen jeequmsa koorniyaa irratti hundaa’e dhaabanii gara laafina akka guddisan dhaamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading