• Tue. Nov 24th, 2026

Pirezidaantiin filataman Traamp Ispeen fi Nezerlaanditti ambaasaaddaroota kaadhiman

Jan 5, 2025

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Pireezidaantiin Ameerikaa filataman Doonaald Traamp Jimaata kaleessaa muudama hedduu kan beeksisan yoo ta’u, isaan keessaa daldalaan lammii Kuubaa-Ameerikaa Beeniyaamin Liyoon Ispeenitti ambaasaaddara, Joo Popoloo Nezerlaanditti ambaasaaddara ta’uun muudamaniiru.

Liyoon ”abbaa qabeenyaa, fardaa, fi nama tola ooltummaa olaanaa milkaa’aa” ta’ee fi umurii isaa waggaa 16tti Kuubaa irraa gara US godaane jechuun, Tiraamp Maadriiditti ambaasaaddara Ameerikaa akka ta’uuf kaadhimamaa akka jiran dubbataniiru.

Tiraamp waa’ee Popoloo, kan Amisterdamitti ambaasaaddara Ameerikaa ta’uun kaadhimame, “Joo daldalaa fi tola ooltummaa dameelee adda addaa hedduu keessatti milkaa’aa dha” jedhan.

US keessatti muudamni ambaasaaddara pirezidaantichi taasisan mirkaneessa Seenetii barbaada.

Kaadhimamaa ambaasaaddarummaatiin alatti, pirezidaantiin filataman kun kaadhimamaa isaanii barreessaa Maallaqaa ta’uuf kan ta’an Iskoot Beessent waliin hojjechuuf gahee hojiif filachuu isaanii beeksisaniiru.

Tiraamp Ken Kiyes gargaaraa barreessaa imaammata gibiraa ta’uun kan muudaman yoo ta’u, ogeessa seeraa gibiraa muuxannoo waggaa 47 qabuu fi duraan hogganaa hojjettootaa koree waloo gibiraa ta’uu isaanii hubachiisaniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply