ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Kirkira Lafaa tibbana irra deddeebiin mudachaa jiru hordofee Naannoo Affaaritti abiddi lafa keessaa ol danfuun barame.
Hurki lafa keessaa abidda tufu kun kan mudate godina Gabii Rasuu aanaa Dulaasaa ganda Sagantoo jedhamutti ta’uun ifoomeera.
Baatii muraasa darbe Gaara Fantaallee fi naannoo Affaaritti kirkira lafaa irra deddeebiin mudatu, Finfinneettis dhagahamuun yaaddoo uumeera.
Haa ta’u malee, hanga yoonaa qabeenyaa irratti yoo ta’e malee lubbuu namaa irratti miidhaan dhaqqabsiise yoo jiraate waanti gabaafame hin jiru.
“Kirkirri kun dheengadda naannoo sa’atii 11’tti jalqabe. Kan danfu kun aara abidda qabuu fi olka’iinsa guddaa qabuudha.
”Fagoorraa mul’ata. Sagalee guddaadhaan gara samiitti oldanfaa ture. Jimaata naannoo sa’atii afurii ammoo danfi kan biraa haaraan jalqabee jira” jedhan.

