ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa kufaatii gama maraan impaayerattii mudatee jiru sababeeffachuun, yeroo hundaa qe’ee uummata Oromootti bobba’uun saamicha ulfaataan dinagdee isaa quucarsaa jiru.
Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka Ushaanee Qoocee, Gibee Boosoo fi Meexxii Abbayyii keessatti Muddee 30, 2024 irraa eegaluun maqaa “Koomaandoo ittiin leenjisnee nageenya keessan eegsisna” jedhuun milishoonni fi kaabinoonni sirnichaa wal ta’anii gandoota kanneeniitti bobba’uun nama tokko irraa gadaanaan qarshii 500, olaanaan ammoo 3,000 fi isaa ol saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha keessatti yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa naga’ee hin qabneen hawaasni hedduun dararamaa kan jiru ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.
