ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Kibxata darbe Muddee 3, 2024 fi Amajjii 1, 2025 hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed magaalaa Kamisee keessatti maqaa sakattaa manneen jiraattotaa jedhuun magaalichuma ganda 06 Migiraatti bobba’anii namoota 14 badii tokko malee mana isaanii keessaa qabuun qabeenyaa isaaniis guutummaatti saamanii deemaniiru.
Maqaan namoota kunneenii muraasni:
- Aliyyii Sheekichaa jalaa meeshaalee qarshii 200,000tti tilmaamamu,
- Mohammad Amiin Hasan,
- Ahmed Xoyib Indiris,
- Jamaal fi
- Ibraahim Waanjoo obboleessa isaa fi
- ilma obboleettii isaa waliin qabuun hidhaniiru.
Jiraattotni nagaan garee maafiyaa PP’n saamamuun hidhaman kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaaf kan yakkaman ta’uu fi namni adda durummaan gochoota dabaa hawaasa magaalaa Kamisee irratti raawwachiisaa jiru itti gaafatamaa milishaa ganda 06 kan ta’e Obbo Ahimed Hasan Minoo nama jedhamuu fi milishaa maqaan isaa Huseen jedhamu ta’uu jiraattotni magaalichaa ONM’tti himaniiru.

