• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti murni Bilxiginnaa walii isaanii hidhuu fi uummata dararuu cimsanii itti fufan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Murni Bilxiginnaa waliigaluun uummata irratti saamicha hamaa irratti erga raawwataniin booda fayyadama irratti wal dhabuun maqaa siyaasaan yeroo wal hidhanii fi aangoo irraa wal buusan argina.

Bifuma kanaanis caasaaleen murna Bilxiginnaa walitti deebi’uun hidhaatti wal guuraa kan jiran ogguu ta’u, namoota aanaa Muneessaa keessatti hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Huseen Diinsaa dhalataa ganda Gujiichaa hojjataa Waajjira Galii fi Hoogganaa BLTO akkasumas 
  2. Bulchaa gandaa Chophaa Kadiir  Baqataa maqaa hariiroo WBO waliin qabda jedhuun shakkanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera. 

Kana malees Amajjii 2, 2024 aanaa Muneessaa ganda Qoomaa Oochaa keessatti namoota 2 maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun maanguddoo umuriin isaa 103 ta’e dabalatee namoota hedduu hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Namoonni badii tokko malee hidhamanii rakkachaa jiran:

  1. Obbo Bantaa Galatoo  nama umrii 103 
  2. Aadde Shumbaa Miidhagsoo 
  3. Obbo Aabbuu Bantaa fi

Urgeessaa Gadaa qabani gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararaa irratti raawwachaa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading