ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa siyaasa kam keessaa hin qabne maqaa dharaa itti maxxansuun dararaa hamaa irraan gahuun akkuma itti fufetti jira.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daadoo bakka addaa Sholokoo jedhamu irraa Amajjii 2, 2025 waraanni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Malkaamuu Amsaaluu,
- Waggaarii Daanyee,
- Dheeressaa Tolasaa,
- Fiqaaduu Namoomsaa,
- Urgeessaa Garbaabaa,
- Aaree Lataa,
- Tasfaayee Amsaaluu,
- Badhaasaa Dhugaasaa,
- Gammachuu Tolasaa,
- Fufaa Gaddafaa,
- Obsaa Balaayii fi
- Dureessaa Gaaromaa kannen
jedhaman irratti badii tokko malee reebicha cimaa qaama laalessu raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni reebaman kunneen lafa qonnaa isaanii irratti hojii hojjechaa jiraachuu kan himan maddeen, ergamtoonni sirnichaa ammoo “WBO’n asiin darbeera; nutti himaa” jechuun yeroo isaan hin argine jedhan reebanii deemuu dubbatu.

