• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramte tiksuuf jecha saba Oromoo dachee Oromiyaa irraa balleessuuf kan carraaqu murni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa safuu hawaasaa fi saayinsii waraanummaa tokko illee hin beekne bobbaasuun uummata nagaa dararaa jira.

Muddee 31, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Guddataa Doobbii jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Tamasgeen Abbabaa,
  2. Geetawuu Waggaarii,
  3. Dassaalee Caalaa jedhamanii fi 

kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himan.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni sirna moofaa ammoo sababa “leenjii miliishummaa leenji’uu qabdu” jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa hidhanii jiraachuu dabaluun gabaasan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading