ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Murni garboomfataan bara dhufaa darbaa barcuma siyaasaa wal harkaa fudhatu qabeenya Oromiyaa saamuu irra darbee qabeenya xiqqaa ilmaan Oromoo of harkaa qaban sodaachisee humnaan irraa fudhachaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuuyyuu ganda Dhaayee Willincoo jedhamu keessatti Amajjii 2, 2025 milishoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa wal tumsanii jiraattota qabanii hidhuun maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti jiraataa gandichaa kan maqaan isaa Solomoon Haayilee jedhamu irraa qarshii 10,000 saamanii mana hidhaa irraa yoo gadi lakkisan, jiraattota kan biroo ammoo hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Dabalataan aanaadhuma kana ganda Darroo Willincoo keessattis badii tokko malee uummata nagaa:
- Caalaa Taaddasaa fi
- Damisoo Girmaa irraa qarshii 2000 fudhachuudhaan
namoota kanaan “akka isin hin hidhamne goona” jechuun saamicha kana irratti geggeessuun beekameera.
Saamicha uummata irratti geggeessaa jiran kanas murnoonni Bilxiginnaa dhuunfaa dhuunfaatti hirachuu irratti wal dhabuun manneen hidhaatti wal guuraa kan jiran ogguu ta’u, addatti namni maqaan isaa Shallamaa Tafarraa jedhamu saamee saamsisaa akka jirus addeeffameera.


