• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti ergamtoonni maafiyaa PP jiraattota saamuu hammeessan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayerattii mudate wabeeffachuun duula saamichaa hamaa ta’e irratti bobba’anii kan jiran ta’uun ni beekama.

Aanaa Laaloo Qilee ganda Boonsaa Kuyyuu jedhamu irraa Amajjii 2, 2025 hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 1200 dirqamaan hoggaa gaafatan hawaasni kaffaluu didnaan, Amajjii 3, 2025 ammoo qarshii 250’tti gadi buusuun afaan qawwee itti qabuun irraa guuraa kan turan ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanicha keessatti maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkoonni farra namoomaa tilmaama hin qabne jiraattota irratti raawwatu daran jabaatee jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply