• Thu. Nov 26th, 2026

Kaabinoonni Bilxiginnaa Godinaalee Oromiyaa addaa addaa irraa walitti dhufuun bulchiinsa magaalaa Naqamteetti waltajjii irra turan wal dhibdee keessoo isaaniitti uumameen xumura malee adda ba’uun dhagaa’ame

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Kufaatii hamaa impaayera Itiyoophiyaa mudatee jiruun raafama hamaa keessa kan galan ergamtoonni Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran yeroo addaa addaatti ajaja humnaa olii walitti kennan haalaan raawwachuu hoggaa dadhaban walitti deebi’uun wal hidhaa, wal doorsisaa, wal reebaa fi wal ajjeesaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Kaabinoonni Bilxiginnaa Seektaroota garaa garaa irra jiran godinaalee Oromiyaa addaa addaa irraa walitti dhufuun bulchiinsa magaalaa Naqamteetti torban tokkoof waltajjii irra turan wal dhibdee fi mufannaa gidduu isaaniitti dhalateen Amajjii 2, 2025 xumura malee waltajjii diiganii ba’uu Kaabineen Bilxiginnaa hirmaataa waltajjichaa ture tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Akka namni kun himetti, wal dhibdeen isaanii dhimma WBO irratti ta’uu himuun, innis Kaabinoonni godina Wallagga Bahaa godinni keenya qaxanaa magariisa yookaan WBO’n godina keenya keessa hin jiru balleessineerra jechuun hoggaa sobuuf yaalan, kanneen godinaalee biroo irraa dhufan ammoo; “osoo ijaan argaa; gurraanis dhaga’aa jirruu maaliif nu sobdu” jechuun walitti dhaadachuun miira lolaatiin adda ba’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply