• Wed. Nov 25th, 2026

Pirezidaantiin Turkii Erdogaan ‘Sooriyaa keessatti aduun ammas ba’aa jirti’ jedhan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Turkiin guddina Siiriyaa bocuu irratti tarkaanfii guddaa kan fudhatte yoo ta’u, biyya ollaa keessattis ammas “aduun ba’aa jirti” jechuun Pirezidaantiin Turkii Resiip Xayib Erdogan Sanbata kaleessaa ibsaniiru.

Erdogaan Kora Naannoo Idilee 8ffaa Paartii AK bulchiinsa kaabaa Ordutti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, jijjiiramni Siiriyaa keessatti mul’ate imaammata naannoo Turkii keessatti bu’aa ijoo ta’uu ibsaniiru.

“Kallattiin gara Siiriyaa keessa hin tarkaanfanne, garuu dhimmoota ishee hunda bal’inaan ilaallee haala amma jirtutti geessineerra. Amma, Sooriyaa keessatti aduun ammas ba’aa jirti,” jedhan.

Erdogaan tarkaanfii kallattiin gara Siiriyaatti fudhachuu mannaa, tarsiimoon Turkii kallattii hedduu qabu bu’aa gaarii argamsiiseera jedhan.

Dubbii isaanii kan dubbatan yeroo Turkiin daangaa ishee irratti nageenya eeguu fi lammiilee Sooriyaa buqqa’an kanneen waldhabdee deemaa jiruun miidhaman deeggaruun egeree Siiriyaa bocuuf tattaaffii taasisaa jirtu itti fufteetti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply