ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
Aanaa Qondaalaa ganda Shoonqee jedhamu keessatti Amajjii 4, 2025 waraanni sirnichaa shamarree maqaan ishee Kooree Warqinaa Kabbadaa jedhamtu maqaa “obboleessa kee WBO keessa jiruuf bilbiltee odeessa kennita” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gandicha keessatti saamichi maqaa kaffaltii gibiraan raawwatus jabaatee kan jiru ta’uun dabalataan ibsameera.
Godinuma kana aanaa Begii ganda Karmaa Gunfii jedhamu keessaas guyyaadhuma kana Amajjii 4, 2025 shamarran maqaan isaanii:
- Cabbaqii Ramadaanii fi
- Sabiree Qemecuu jedhaman
badii tokko malee mooraa waraanaatti hidhanii garmalee hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
