• Sun. Mar 29th, 2026

Poolisoonni saddeet, konkolaachisaan haleellaa Leellistoota Maa’oon giddu galeessa Hindiitti raawwatameen ajjeefaman

Jan 7, 2025

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Giddugaleessa Hindii bulchiinsa Chaatisgaar keessatti dhohinsa boombii finciltoonni Maa’ooyistootaan banameen yoo xiqqaate poolisoonni saddeet fi konkolaachisaan tokko du’uu poolisiin Wiixata kaleessaa beeksiseera.

Konkolaataan poolisii namoonni miidhaman kun ittiin deemaa turan Wiixata kaleessaa aanaa Bijapur keessatti dhohinsa mudateen rukutamuu ibsi poolisii ni mul’isa.

Haleellaa humnoota nageenyaa naannoo sanaa irratti yeroo adda addaa raawwatame keessaa kun isa haaraa dha. Kunis Lola qawwee humnoota fi finciltoota gidduutti yeroo baayyee ji’oota darban keessa geggeeffamuun finciltoonni hedduun itti ajjeefaman hordofeeti. Chaatisgaar fi kutaaleen ollaa ishee giddu galeessaa fi baha Hindii fincila waggoota kurnan lamaan darbaniif finciltoota Maa’ooyistiin miidhamaniiru, haa ta’u malee naannoowwan isaan keessa socho’an waggoota darban keessatti baay’ee hir’ateera.

Finciltoonni kunneen bifa komunismii hogganaa Chaayinaa du’aan boqote Maa’oo Zeedoong babal’ifame kan mallatteessan yoo ta’u, haleellaa akkaataa riphee lolaan humnoota mootummaa irratti gaggeessu.

Maa’ooistonni qonnaan bultoota Hindii hiyyeeyyii fi hojjettoota lafa hin qabneef lafa isaanii irratti to’annoo dabalataa fi albuuda ishee yeroo ammaa dhaabbileen albuudaa gurguddoon fayyadaman irratti himannaa guddaa akka qabaatan gochuuf qabsaa’aa akka jiran dubbatu jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading