• Tue. Jan 13th, 2026

Joordaan fi Siiriyaa daddabarsa meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu namaa hadoochuu fi ISISn deebi’ee akka hin kaaneef ittisuuf wal dubbatan

Jan 8, 2025

ONM-ABO Amajjii 8, 2025 

Joordaan fi Siiriyaa koree nageenyaa waloo ijaaruun daangaa isaanii eeguu, daddabarsa meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu ittisuuf akkasumas ISIS deebi’ee akka hin kaane hojjechuuf waliigaluu isaanii ministirri haajaa alaa Joordaan Kibxata ibsaniiru.

Qondaaltonni farra qoricha sammuu namaa hadoochu warra dhihaa akka jedhanitti, qorichi araada namatti ta’u, gosa amfeetaamiin kan kaaptaagoon jedhamuun beekamu kun Siiriyaa keessatti baay’inaan oomishamaa jiraachuu fi Joordaan daandii gara biyyoota Galoo Galaanaa geessu ta’uu ibsu.

Waraanni Joordaan bara 2023 irraa eegalee haleellaa qilleensaa dursee hedduu Siiriyaa keessatti kan raawwate yoo ta’u, qondaaltonni Joordaan akka jedhanitti, milishoota daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu fi dhaabbilee milishoota waliin hidhata qaban jedhamanii himataman irratti xiyyeeffate.

”Daangaa eeguu irratti mari’anneerra, keessattuu balaa daddabarsa meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu fi ISIS deebi’ee ka’uu irratti mari’anneerra. Nageenyi keenya tokko, qormaata waliinii kana qolachuuf waliin qindoomina,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Joordaan Ayman Safadiin ibsa gaazexeessitootaaf waloon Ministira Dhimma Alaa Siiriyaa Asaad Hasan al-Shibanii waliin kennaniin dubbataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading