• Sun. Mar 15th, 2026

Kirkira lafaa cimaa naannoo Tibeet Chaayinaa keessatti mudateen lubbuun namoota 95 darbe

Jan 8, 2025

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Kirkira lafaa cimaa Kibxata kaleessaa naannoo kibba Tibeet Chaayinaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii gara 95’tti ol guddachuu isaa miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

Yoo xiqqaate namoonni 130 madaa’uu isaanii Shinuwaan gabaaseera.

Qondaaltonni mootummaa naannoo magaalota adda addaatti dhaqqabuun dhiibbaa kirkirri lafaa kun geessise madaaluuf kan jiran yoo ta’u, waraanni Chaayinaa ammoo diroonii erguun wiirtuu kirkirri lafaa kun mudate qorateera.

Viidiyoowwanii fi suuraawwan Tibeet keessaa ba’an sababa kirkira lafaa kanaan manneen dhoqqeedhaan miidhaman agarsiisu, hojjettoonni baraarsaa namoota kiyyootti galan kamiyyuu barbaadaa turan.

Addatti ammoo qorannoon Ji’ooloojii Ameerikaa guddina isaa 7.1 ta’uu galmeesse.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading