ONM-ABO Amajjii 8, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa sirna abbaa irreetiin taaligamu yeroo garaa garaatti dargaggoo Oromoo fedhii malee humnaan ukkamsuun gara waraanaatti bobbaasaa turuun isaa beekamaadha.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar mara keessatti waggoottan jahan darban keessatti dargaggoota Oromoo kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa dhufuun hojii humnaa hojjechuun magaalaa Shaggar keessa jiraatan ukkaamsaa jira.
Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti yeroo adda addaatti dargaggoo Oromoo humnaan ukkamsuun daran jabaatee jira.
Murni Bilxiginnaa kufuuf raafamuutti jiru aangoo isaa afaan qawween tikfachuuf ilmaan Oromoo gidiraa irraan gahaa jiraachuun ifoomeera.
Bifuma wal fakkaatuun kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti hawaasni Oromoo humnaan milishaa leenji’aa jira. Haalli leenjii kunis humnaan ta’uun isaa kan ibsamu yoo ta’u, kanneen leenjii milishaa hin leenjine tajaajila hawaasummaa kanneen akka xaa’oo fi kanneen biroo akka hin arganne ulaagaa gochuun dirqiin akka leenji’an gochaa jira.


