• Wed. Jan 14th, 2026

Murni Bilxiginnaa naannoo Affaariin Godina Walloo keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo loltu jechuun dirqiin duulchisuuf qophiitti jiraachuun saaxilame 

Jan 8, 2025

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Murni Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaanis ta’e holola isaan injifachuu dadhabe, yeroo dhiyootti balleessinaa fi funaanaa jirraan isaa abjuu qofa ta’ee jalaa hafuu gaafa baru, saboota biroo WBO’tti akka duulaniif maallaqa humnaa olii nyaachisuu fi kan didan ammoo afaan qawween doorsisee dirqiin akka duulaniif yeroo dirqisiisantu argamaa jira. 

Kaaba Oromiyaa godina Wallootti caasaalee Bilxiginnaa sadarkaa olii irratti argamanii fi Abbaa Gadaa magaalaa Kamisee Obbo Ahimed Mahaammad Umar Alii dabalatee Amajjii 3, 2025 naannoo Affaarii waliin haasaa taasisaa jiraniin naannoon Affaar akkuma walii galaatti nu faana ba’ee WBO loluu qaba, namoonni hin lollu jedhan yoo jiraatan nuuf eertu, tarkaanfii seeraa irratti fudhanna, naannoo Affaar nu waliin WBO’tti duuleef ammoo maallaqa qarshii miliyoona 6-7’tti laanna ittiin jechuun duulchisuuf qophiitti akka jiran barameera.

Dabalataan caasaaleen Bilxiginnaa kun Muddee 1, 2024 irraa eegaluun naannoo Affaar qarshii nyaachisanii dabballoota isaanii bakkoota garaa garaa jiran naannoo Affaariitti erganii ilmaan Oromoo naannoo Affaar keessa jiraatan reebanii ukkaamsaa kan jiranii fi sabaan uummata Affaar kan ta’e dargaggoo Umar Diisaa jedhamu dabalatee hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda ittiin jechuun mana hidhaa naannoo Affaar magaalaa guddittii Samaraatti hidhanii gidirsaa jiraachuu odeessi naannicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading