• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti loltoonni PP hawaasa hidhuu cimsanii itti fufan

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaa maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Horroo ganda Didibbee Kistaanaa bakka addaa Kattaa Aagee jedhamutti Amajjii 6, 2025 waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Darajjee Magarsaa,
  2. Gannat Taaddasaa, 
  3. Ayyuu Dhaabaa fi
  4. Mallasaa jedhaman bulchiinsa magaalaa Shaambuutti hidhaniiru. 

Akka maddeen himanitti, namoonni qabamanii hidhaman kunneen “deggartoota WBO’ti” jedhamuun hidhamanii dararamaa jiru. Haa ta’u  malee namootni kun qaama siyaasaa kam illee kan hin hordofne kan hojii qonnaa isaanii qofa irratti bobba’anii jiraatan ta’uu dubbatu.

Leave a Reply