• Wed. Nov 25th, 2026

Naannoo Amaaraa Godina Fenootaselaam Aanaa Bureetti hawaasni Oromoo qondaala waraana Faannoo irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhate 

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa qaamolee mootummaa garboomfataa PP irraa argataniin ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa fi Oromiyaa alatti gama isaaniif danda’ame maraan gara jabinaan dararaa kan jiran yoo ta’u, ilmaan Oromoos gama danda’aniin waan qabaniin yeroo adda addaatti tarkaanfii ofirraa faccisaa fudhachaa jiru. 

Aanaa Buree ganda Sontomaa fi Caaboo jedhamanitti Amajji 6, 2025 hawaasni Oromoo ganda Sontomaa keessa jiraatu bakka addaa Asas jedhamutti qondaala waraana Faannoo kan maqaan isaa Daagim Mirree jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii injifannoo cululuqaas galmeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Akka maddeen himanitti, namni kun saawwan uummata Oromoo bara darbe irraa kaasee ganda Sontomaa irraa oofuun karaa Sansal, Jaamoo, Wanbaraammaa, Waameet jedhamu keessa qaxxaamursuun gara Dabira Maarqos geessuun gurguraa akka ture dubbatu.

Guyyaa guyyaan saamichaa hanga ajjeechaatti finxaaleeyyiin kunneen gara jabina hamaa ta’een hawaasa Oromoo miidhaa  jiraniin, gocha badii kana taa’anii ilaaluu dadhabuun tarkaanfii of irraa ittisuu fudhachaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply