ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Murni nama nyaataan Impaayerattii yeroo gara yerootti ilmaan Oromoo irraa meeshaalee waraanaa saamaa, faallaa kanaa immoo dhalattoota Amaaraa leenjisee meeshaa itti hidhuun hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguuf karoora isaa hojiitti hiikaa kan jiruu fi dhalatoonni Amaaraa ilmaan Oromoo akka fixaniif leenjisee hawaasa Oromootti bobbaasaa jira.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Tullu Gaanaatti murni faashistii PP milishoota dhalootaan Amaara ta’an qofaatti filuun duguuggaa sanyii qindaa’aa ta’e geggeessuuf ilmaan Oromoo irratti hidhachiisuuf leenjisaa turuu isaa jiraattonni dhimma kana itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Aanaa Abee Dongoroo guutummaa isaa keessatti finxaaleryyiin Amaaraa irra deddeebiin ilmaan Oromoo butuun achi buutee dhabamsiisuu, qarshii hedduu gaafataa jiraachuu fi haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu cimsanii itti fufanii waan jiraniif hawaasni naannoo kanneenii yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

