• Fri. Oct 16th, 2026

Bilxiginnaan Baha Harargee Magaalaa Dirre Dhawwaa keessatti dargaggootaaf  maallaqa kennee ba’aa maqaa keenyaan dhaadannoo dhageessisaa jechuun uummatas hidhaa jiraachuun barame

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Uummata Impaayerattiif nagaa waaraa buusee bulchuu irra afaan qawween balleessee akka jireenya isaaf tolu qofatti ajandaalee sobaan kuulaman kan dhugaan yoomiyyuu keessaa hin argamne gadi baasuun uummata burjaajessuutti kan jiru murni badee balleessaan Bilxiginnaa akkuma amala isaa namoota dantaan goyyomsuun diraamaa isaa itti fufee jira.

Baha Harargee Magaalaa Dirre Dhawwaa keessatti Amajjii 6, 2025 dargaggootaaf maallaqa 3000- 5000’tti kennuufiin, “Abiy mootummaa keenya, isa waliin jirra, inni ilma abbaa gadaati, Bilxiginnaan dhaaba uummataati” jedhaa hiriira ba’aa dhaadannoo magaalicha keessatti dhageesisaa jechuun konkolaataa 4’tti naqanii hanga halkan sa’a 4’tti uummata irratti dhiichisaa akka turan maddeen ONM’tti himan.

Gochoota diinummaa isaanii kana ittuma fufuun magaalichuma keessatti ilmaan Oromoo sababa tokko malee hidhaatti guuraa kan jiran oggaa ta’u, jiraattonnis nuti kana booda hin gowwomnu soba isaaniif Addunyaanuu ragaadha kanaafuu siyaasa hiikaaf galma hin qabneen uummata jeeqaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading