ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Diiguu malee ijaaruu, bittimsuu malee tokkoomsuu, hidhuu malee hiikuu, dararuu malee gargaaruu ajjeesuu malee du’a irraa bararaaruu kan hin feene murni badee balleessaan Impaayerattiin bulchaa jira ofiin jedhu Bilxiginnaan jiruu fi jireenya Oromoota maraa balleessuuf karoora qabatee jiru milkeessuuf guyyuu ilmaan Oromoo dararuu irratti argama.
Akkuma guutuu Oromiyaatti magaalota keessa naanna’uun qulqullina magaalaa jechuun manneen uummataa kaffaltii tokko malee irratti diiguun ilmaan hiyyeessaa boochisuu ittu fufuun manneen jiraattotaa daandiitti dhihoo ta’an kanneen akka dukkaanotaa irratti diiguun jiruuf jireenya hawaasa nagaa jeeqaa jira.
Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti Amajjii 9, 2025 qulqullina magaalaa jechuun manneen daldalaa garaa garaa dukkaanota dabalatee jalaa diiganii balleessaa kan jiran oggaa ta’u namoota maaliif nurraa diigdu ittiin jedhan ammoo maallaqa irraa saamuu fi hidhaatti galchaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

