ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Ministirri Muummee Jaappaan Shigeru Ishibaa daawwannaa seeraa Maaleeshiyaa fi Indooneeshiiyaatti Kamisa kaleessaa eegalaniiru.
“Yeroo guddinni Hawaasa idil-addunyaa mirkanaa’uu dhabaa jiru keessatti hariiroon keenya Kibba Baha Eeshiyaa waliin qabnu garmalee barbaachisaa dha,” jechuun Ishibaan gara Kuwaala Laampur, buufata isaa jalqabaa, gara Indooneeshiyaa itti fufuu isaa dura ibsa kenneen dubbateera.
Ishibaan xiyyeeffannoo Jaappaan nageenyaa fi anniisaa irratti qabdu kan ibsan yoo ta’u, Tookiyoon dura taa’aa Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) amma taate Maaleeshiyaa fi dinagdee fi baay’ina ummata naannichaa guddaa taate Indooneeshiyaa waliin “tumsa daran cimsuuf hojjechuuf” akka kaayyeffatte ibsaniiru.
Ishibaan Pirezidaantii Indooneeshiiyaa Jokowi Pirabowo waliin mari’achuuf gara Jaakaartaatti balali’uu isaa dura muummicha ministeera Maaleeshiyaa Anwaar Ibraahim waliin marii sadarkaa olaanaa taasisuuf beellama qaba.
Jaappaan michuu daldalaa guddaa Maaleeshiyaa 4ffaa yoo taatu, bara 2023tti daldalli biyyoota lamaanii naannoo doolaara biiliyoona 34 ture.
Ibsa addaa kennaniin, Ministirri Muummee Anwaar dura taa’ummaa Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa Maaleeshiyaa cimsanii kan dubbatan yoo ta’u, “ejjennoo imaammataa keenya gara heddummina dinagdee irra deebi’anii madaaluuf, waltajjiiwwan biyyoota hedduu irratti tumsa guddisuuf, fi murtoo qalbii naamusaan qajeelfamu murteessuuf carraa gatii guddaa qabu” jechuun hubachiisaniiru.
Anwar itti dabaluudhaan Maaleeshiyaan“bara kana akka karaa humna ibsaa, dandeettii fi toora dhiyeessii adda addaatti giddu galeessa teessuma lafaa ishee cimsuuf kaayyeffatteetti jechuu Dooch Waleen gabaaseera.

