ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Loltoonni kibba Siiriyaa pirezidaantii Bashar al-Asad kuffisuuf gargaaran akka ajaja bulchitoota haaraa biyyattiitti hidhannoo hiikkachuu fi miseensota isaanii diiguuf fedhii akka hin qabne dubbi himaan isaanii AFP’tti himaniiru.
Haleellaan humnoota mormitootaa Muddee 8 kaaba irraa gara Damaasqootti Siiriyaa keessaa cicciree, bulchiinsa gosa al-Asaad waggoota kurnan shaniif ture akka tasaa xumureera.
Muddee 25 bulchitoonni haaraan biyyattii gareewwan waliin diigamuu fi ida’amuu isaanii ministeera ittisaa jalatti waliigalteerra ga’uu isaanii ibsaniiru. Hogganaan haaraan Ahmed al-Sharaa akka jedhanitti, aanga’oonni “meeshaan waraanaa biyyattii keessatti to’annoo mootummaan ala akka jiraatu gonkumaa hin hayyamu.”
Garuu dubbi himaan kutaa hojii Kibbaa, gamtaa gareewwan hidhatee bulchiinsa kibbaa Daraa irraa Mudde 6 ijaaramee Al-Asaad kuffisuuf gargaare gama isaaniin., gamtaan kun walii hin galle jedhan.
Dubbi himaan isaa Naseem Abu Orra, “Yaada gareewwan hidhatan diiguuf jedhu hin amanne,” jedhan AFP’n gabaaseera.


