• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhattoonni murna Bilxiginnaa maanguddoo tokko ajjeesuun barame

Jan 11, 2025

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Sirni cubbamaan fedhii aangoo qabuuf jecha daa’immanii hanga maanguddootti uummata Oromoo lafa irraa duguugaa jiru Bilxiginnaan, guyyaa guyyaatti gochoota farrummaa kan seenaa fi seeraan sirnicha gaafachiisu raawwachuu  itti fufeera.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Sarbii keessatti Amajjii 10, 2025 guyyaa toora sa’a 7:30’tti maanguddoo maqaan isaa Guutamaa Tolosaa Leencoo jedhamu  saalfii tokko malee rasaasa itti roobsuun waraanni maafiyaan PP ajjeesanii darbuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ajjeechaa rifaasisaa taasisaniin cinatti ammoo nama maqaan isaa Raasimoo Kabaa jedhamu qabanii hiraarsaa cimaa irratti taasisuun moonaa waraanaa kan magaalicha keessatti argamutti darbuun miidhaa jabaa irratti taasisaa akka jiran maddeen ifomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading