ONM-ABO Amajjii 11, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti lukkeeleen murna faashistii PP Amajjii 8, 2025 irraa eegaluun hanga Amajjii 9, 2025 galgalaatti magaalaa Kamisee keessa naanna’anii daldaltoota harkaa maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdanii fi qaraxa jedhuun qarshii humnaa olii afaan qawween sodaachisanii saamaa turuu maddeen magaalichaa ONM’tti himan.
Akka maddeen jedhanitti, caasaaleen Bilxiginnaa kun maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdan jedhuun qarshii 200 daldaltoota harkaa yoo fuudhan, qaraxaaf jechuunis kan bara 2024 baatii Hagayyaa keessa qarshii 50 ture yeroo ammaa ammoo gara qarshii 400-400’tti ol guddisuun daldaltoota harkaa dirqiin saamaa jiru. Namoota bara 2024 qarshii 50 kaffalaa turre amma ammoo 400-400 nu gaafattu, eessa finna jedhanii itti dubbatan reebanii hidhaa akka jiran ifoomsaniiru.
Oduuma saamichaan wal qabatuun godinichuma aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Roobiin guyyaa gabaa magaalichaa waan ta’eef guyyaa kana Amajjjii 8, 2024 daldaltootaan maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdanii fi manatti dhiiftanii dhuftan jedhuun qarshii 100 yoo saaman, torbee darbe ammoo magaalichumatti kaffaltii waliin isaa hin beekamneen daldaltoota harkaa qarshii 200 fudhachaa akka turan daldaltootni dubbisne tokko tokko dabaluun dubbatan.

