• Sat. Mar 14th, 2026

Waraanni maafiyaan Bilxiginnaa fi hidhattoonni Amaaraa waliin ta’uun hawaasa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu dararuu itti fufan

Jan 11, 2025

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi murnoota Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru. 

Aanaa Amuruu ganda Hoofii bakka addaa Jarmamee jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa Amajji 9, 2025 jiraattota gandichaa hedduu ta’an irratti reebicha hamaa raawwachuu fi doorsisa irraan gahuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Guyyoota sadiin dura waraanni faashistii Abiy Ahimed uummata ganda sana jiraatu “faannoo isin irraa fixna ykn balleessina; sangoota nuuf qalaa” jechuun hawaasa doorsisanii sangoota erga irraa nyaatanii booda, Amajjii 8, 2025 lafa sana gadi lakkisanii yeroo bahan, hidhattoonni Amaaraa ganda sana deemuun uummata irratti dararaa adda addaa raawwachaa turuu jiraattonni gandichaa  ibsaniiru.

Hidhattoonni Amaaraa fi loltoonni Bilxiginnaa dabaree hawaasa Oromoo aanicha keessa jiraatan miidhaa kan jiranii fi kaabinoonni aanaa Amuruu qarshii miliyoonaan lakkaawamu fudhachuun ilmaan Oromoo dararsiisaa jiraachuu itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading