• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Booraatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi maqaa kaffaltii gibiraanis saamuu cimsanii itti fufan

Jan 13, 2025

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa keessaa Amajjii 10, 2025 loltoonni Abiy Ahimed dargaggoo Lammii Gadaa fi Abaatee Tolaa jedhaman badii tokko malee ganama keessaa toora sa’a 12:00’tti konkolaataa Paatiroolii lamaan bakka isaan jiranitti dhaqanii dhukaasa itti bananii qabanii deemuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbachuu dubbatu. 

Kana malees, aanicha keessatti saamichi hamaan maqaa gosa kaffaltii garaa garaan raawwatus jabaatee ittuma fufuun, ganda Bartaa Samii keessaa yeroo ammaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa gadaanaa qarshii 7,500, olaanaan ammoo hanga 12,000’tti afaan qawwee itti qabanii doorsisuun saamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading