ONM-ABO Amajjii 13, 2025
Osooma moortuun moortuu ni hora abbaan horu akkuma Oromoon jedhu, osooma murni ololtuu Bilxiginnaa Waraanni Bilisummaa Oromoo badeera jedhee karaa miidiyaalee isaa dibbee tumuu, jajjabeen saba Oromoo WBO’n duula cichoomina kaayyoo maqaa jedhuun golee Oromiyaa mara keessatti lola geggeessaa jiruun injifannoo gurguddaa galmeessaa jira.
Haaluma kanaanis guyyaa har’aa Amajjii 13, 2025 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa aanaa Noolee Kaabbaa ganda Qoocee jedhamu keessatti barii barraaqaan tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti #Itti Fufiinsa Duula Cichoomina Kaayyoon fudhateen injifannoo boonsaa galmeessuun beekamee jira.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBO’n tarkaanfii waraana sirnichaa irratti fudhate kanaanis lama ajjeesuun tokko yoo madeessu gama meeshaatiin kilaashii AKM lamaa hiikkachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
