• Sat. Mar 14th, 2026

Laamsha’uu dinagdee impaayera Itiyoophiyaa sababeeffachuun, ergamtoonni Bilxiginnaa godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti maqaa kaffaltii gibiraan jiraattota humnaa ol saamuu itti fufan

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Aanaa Daarimuu bakkeewwan addaa addaatti saamichi ulfaataan ergamtoota sirnichaan raawwatu jabaatee ittuma fufuun, ganda Waabeekoo jedhamu keessaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa gadaanaan qarshii 10,000, olaanaan ammoo 30,000 fi isaa ol dirqamaan guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandicha keessatti maqaa “gaachana sirnaa leenjitu” jedhuun illee loltoonni PP mana mana irra deemuun hawaasa nagaa garmalee dararaa jiraachuun himamee jira.

Haaluma wal fakkaatuun saamichi kaffaltii gibiraa dawoo godhatee geggeefamu kun hammaatee ittuma fufuun, aanaadhuma Daarimuu ganda Mandaraa jedhamu keessaa ammoo addatti, Ittaanaa Wadaajoo nama jedhamu irraa qarshii 67,000 fi kanneen biroo irraa ammoo gadaanaan 40,000 afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading