ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti waraanni faashistii PP bu’uura seeraa tokko malee namoota nagaa mana hidhaatti guuruu akka itti fufee jiru barame.
Tibbana ammoo addatti maatii dargaggoota Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii, firootaa fi aantee hawaasa keessaa adamsanii guutummaa isaanii mana hiraarsaatti naqaa akka jiran ibsameera.
Taateen kun baayyinaan Wallaggaa keessatti haalaan adeemaa kan jiru yoo ta’u, Oromiyaa bakka cufatti gochi badii Bilxiginnaa kun akka itti fufu odeessi keessoo Bilxiginnaa ni addeessa.
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Arjootti Amajji 11, 2025 hawaasni hedduun hidhamuun himameera. Dargaggoota umuriin isaanii 18 ol ta’aniif dirqama maatiin itti haa gaafatamu jechuun sababa ilmi WBO’tti makameef ykn obboleessi WBO ta’eef qofa dararaan hidhaa irra gahaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees maatiin namni irraa miseensa WBO ta’e dirqamaan leenjii milishaa akka fudhatan qajeelfama dabarsanii hojjechaa jiraachuun barameera.
