ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hidhannoo guutuun socho’aa jiran uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun qarshii gurguddaas gaafachaa jiru.
Aanaa Limmuu ganda Malkalamii bakka addaa Bareedduu jedhamu irraa torban darbe keessa gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Mahaammad Oljirraa jedhamu ukkaamsuun qabanii qarshii miliyoona tokko gaafatanii garmalee dararaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen itti dhiheenyaan beekan himanitti, haleellaa gara jabeeyyiin Amaaraa yeroo yeroon godinaalee Baha Wallaggaa jalatti geggeessaa jiraniin hawaasni Oromoo garmalee miidhamaa kan jiru ta’uu himuun, Obbo Mahaammad erga gaafa ukkaamfamee as faanni isaa kan dhabamee jiru ta’uu dubbatu.

