• Thu. Nov 26th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti hawaasa nagaa reebuu fi hidhuu akkasumas qabeenya isaanii saamuu jabeessanii jiru

Jan 15, 2025

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Murni abbaa irree kan daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudate dandamachuu dadhabuun uummata nagaa badii tokko malee hiraarsaa jiru Bilxiginnaan Amajjii 12, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Shaanbadoo keessatti maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun mana uummataa irra deemanii jiraattota nagaa reebichaa fi hidhaa irratti raawwachuun ibsameera.

Namoota sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti taasifamaa jiru keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Kadir Abdulbii fi
  2. Awwaloo Abdurramaan  dabalatee danuu akka ta’an addeeffameera.

Kana malees yerooma wal fakkaataa keessatti aanaadhuma kana ganda Simbixee Fichoo irraas namoota maqaan isaanii:

  1. Baamud Aliyyii fi 
  2. Hinduu Baamud jedhamanis 

balleessaa tokko malee qabanii mana hidhaatti dararaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply