• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwatan

Jan 15, 2025

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan gahaa qabeenya irratti immoo saamicha hamaa geggeessaa kan jiru, dantaa namummaa kan hin qabne loltoonni Bilxiginnaa yeroo ammaa haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo dararuuf rafanii bulaa hin jiran. 

Aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa jedhamu irraa lukkeeleen PP kun “Waraana Bilisummaa Oromoo bishaan ceesisaa jirtu” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Sheek Ibsaa Umaree,
  2. Adamoo Yaasin,
  3. Murree Qassoo,
  4. Baasixoo Huseenii fi 

namoota biroo 5 Amajjii 11, 2025 erga qabanii doorsisanii booda tokkoon tokkoo isaanii irraa qarshii 2,000 fudhatanii gadhiisanii deemuu jiraatonni gandichaa himan.

Ergamtootni PP kunneen “miseensaa fi deggertoota WBO dhabama goonee jirra” jechuun sobanii hololaan dhaadataa turuun isaanii illee dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading