• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin namoonni nagaan hidhamanii qarshii guddaa gaafatamaa jiraachuu fi reebicha dabalatee saamichi raawwatamus jabaatee itti fufe

Jan 15, 2025

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Loltoonni murna Bilxiginnaa Impaayera qawwee malee nagaatti hin amanne tiksuuf Koloneel Abiy Ahimediin guutuu Oromiyaa keessatti  bobbaafaman ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachuu fi jumlaan hidhanii maallaqa guddaa namoonni kaffaluu hin dandeenye afaan qawwee itti qabanii saamaa oolu.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti milishoonni sirnichaa jiraataa ganda Maaddaraa kan ta’e abbaa maatii nama maqaan isaa Huseen Adam jedhamu mana isaatti itti marsanii qabuun reebicha suukkanneessoo irratti raawwatanii qabeenyaa isaas meeshaa dabalatee guutummaatti jalaa saamanii isa ammoo mana hidhaa magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii hiraarsaa jiru.

Namni kun qonnaan bulaa fi abbaa maatii ta’uu jiraattotni ganda Maaddaraa himuun, milishoonni sirnichaa garuu hojii isa malee maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun sobaan yakkanii garmalee saamuu fi reebuun hidhaatti darbatan jechuun dabaluun dubbataniiru.

Aanichuma magaalaa Qiciicoo keessaa hidhattootni murna Bilxiginnaa kun Muddee 1, 2024 irraa eegaluun hanga baatii Amajjii kanaatti namoota nagaa 20 ol ta’an gaaffii seeraa tokko malee ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii kan jiran yoo ta’u, namoota kanneen keessatti kan argamu abbaa dukkaanaa kan ta’e dargaggoo Imaamee Ahimed Mohaammad kan jedhamu dabalateeti. Hidhamtoonni kunneenis yeroo ammaa mana hidhaa irraa baafamuuf qarshii guddaa gaafatamaa jiraachuu fi torbeedhuma kana keessa namoonni 5-6 ta’an qarshii gaafataman maatiin kaffalanii biraa ba’uu jiraattotni itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading