ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Dantaa dhuunfaa isaa tikfachuuf jecha ilmaan Oromoo dachee Oromiyaa irraa balleessuuf kan rakkatu murni nama nyaataan Bilxiginnaa, dinagdee uummata Oromoo quucarsuun saamicha uummata nagaa irratti raawwachaa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa bakka addaa Hayyu’een jedhamu irraa waraanni Bilxiginnaa Amajji 11, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Tasfaayee Ayyaansaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf qabeenya qarshii 50,000’tti tilmaamamu saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattoonni himanitti, namni saamame kun qonnaan bulaa harka qal’eessa ta’uu fi sababni saamamuu isaa “deggeraa WBO’ti” jedhamuun akka ta’e dubbatu.
Oduuma walfakkaatuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti maqaa adda addaan jiraattota irraa maallaqa saamuun itti fufeera.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa ergamtoonni PP, maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen Amajjii 12, 2025 qarshii 100-100 irraa saamuun rakkisaa jiraachuu fi guyyaa guyyaan kaffaltii qaamolee mootummaaf kaffalaa oolan dadhabuu jiraattonni araddichaa addeessan.



