ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Ilmaan Oromoo handhuura biyya abbaa isaa magaalaa Finfinnee keessa bilisummaadhaan jiraachuu dadhabuun, saboota kan biroo irraa addatti xiyyeefatamuun guyyuu adamfamuun hidhamaa fi leenjii waraanaatti guuramaa jira.
Magaalaa Finfinnee naannoo Jamoo 3’ffaa iddoo addaa Lojii Hordofaa jedhamu keessaa Amajjii 9, 2025 dargaggoo Lalisaa Fiqaaduu Garbii loltoonni sirnichaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii bakka hojii isaatii ukkaamsuun magaalichuma kutaa bulchiinsa magaalaa Furii ganda 04 keessatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen amanamoo magaalaa Finfinnee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun qaama miidhamaa siyaasa kam keessa illee hin jirre ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu maqaa “hidhata WBO qabda” jedhu itti maxxansuun hidhanii jiraachuu fi akkasuma illee “amma isaan bosonaa galanitti hin baatu; asuma keessatti tortorta” jechuun doorsisaa fi dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
