ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Keenaafii jedhamu keessaa Amajjii 13, 2025 guyyaa keessaa toora sa’a 5:00’tti loltoonni Abiy Ahimed “qawwee qabda” jechuun qonnaan bulaa Aammad Juddii jedhamu gara jabina hamaadhaan rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himan.
Aanaadhuma Guutoo Giddaa gandoota akka: Eebbaa, Jireenyaa fi Gaarii jedhaman irraa ammoo Amajjii 11 fi 12, 2025 jiraattota maqaan isaanii:
- Abbushaa Jogoraa,
- Addunyaa Baqqaanaa,
- Tolasaa Margaa,
- Gammadaa Taaddasee jedhamanii fi
kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen eeran.
Dararamni lammiilee nagaa irratti loltoota Abiy Ahimediin raawwatu kun hammaatee itti fufuun, godinuma Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa keessaas guyyaadhuma kana Amajjii 11, 2025 Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jechuun Jamaal Galaanoo fi Ibiraahim Ismaa’il namoota jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.



