ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Murni bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaan baajata impaayerattii seektara hundumaa gara seektara waraanaatti naannessuun lola waliin waliinii (civil war) geggeessaa jiruun kufaatii dinagdee daran ulfaataa keessa galee hanga sadarkaa hojjettootaaf miindaa kaffaluu dadhabuu irra gahee jira.
Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti Amajjii 14, 2025 hojjettoonni fayyaa sababa ogummaa isaaniin hojii hojjetaniif qarshiin murna Bilxiginnaan kaffalamuufii hanqateef hojii akka dhaaban ibsaniiiru.
Murni garboomfataan Bilxiginnaa waan hundumaa afaan qawwee qofaan furuuf yaaluun komii hojjettoota kanaa karaa nagaan dhaggeeffachuu osoo qabuu humnaa fi aangoo isaatti maayii bahuun adamsee konkolaataan sochii taasisee hidhuuf gandoota irra deemee sodaachisa uumaa jiraachuun addeeffameera.

